Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffii Nyaatan of danda’uuf taasiifamu keessatti misoomni Qamadii ga’ee olaanaa qaba – Obbo Awwal Aarbaa

Finfinnee, Amajjii 12, 2015 (FBC) – Jilli Pireezidaantii naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan durfamu aanaa Dubtiitti misooma Qamadii daawwateera.

Naannichatti misooma Qamadii dabalatee hojiileen misooma qonnaa garaagaraa hojjetamaa bu’aa akka argamsiisaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Awwal ibsaniiru.

Tattaaffii Nyaatan of danda’uuf taasiifamu keessatti misoomni Qamadii ga’ee olaanaa qabaachuu eeruu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.