Fana: At a Speed of Life!

Teediroos Asfaawu fi Daawit Bagaashaw qorannoon yakka shororkeessummaa ittiin shakkaman akka xumuramu guyyoonni dabalataa 14 eeyyamame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC) – Manni Murtii Federaalaa Teediroos Asfaawu fi Daawit Bagaashaw qorannoon yakka shororkeessummaa ittiin shakkaman akka xumuramn guyyoota dabalataa 14 eeyyameera.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataa Dhaddachi Ramaddii 1ffaa hojiilee qorannoo fi qabxiiwwan falmii shakkamtoota kanneenii ilaalera.

Dhaddachi yeroo ballamaa kun falmii ture, ragaa qorannoo qorataan Poolisii dhiyeessee fi qabxii falmii Abukaatoowwan shakkamtoota dhaggeeffachuun gaaffii mirga wabii dhiyaate kufaa taasiseera.

Dhaddachichi Poolisiin hojiilee qorannoo yakka shororkeessummaa shakkamtoonni ittiin shakkaman xumuruun akka dhiyeessuu guyyoota dabalataa 14 eeyyameera.

Akkasumas iyyannoo shakkamtoonni dhiyeessan kamiiyyuu kan hin fudhanne ta’uu ibsameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.