Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojiin Hojiilee ijaarsaa bakka tokko taa’aanii to’achuuf dandeessisu ifoome

Finfinnee, Sadaasa 2, 2016 (FBC) – Teeknooloojiin ammayyaa hojiilee ijaarsaa giddu gala tokkorraa to’achuuf dandeessisu ifoomeera.

Korporeeshiniin hojiilee Ijaarsaa Itiyoophiyaa hojiilee ijaarsaa iddoolee adda addaatti gaggeeffaman giddu gala tokkorraa to’achuuf teeknooloojii dandeessisu ifoomseera.

Korporeeshinichi jijjiiramoota garaagaraa hojiirra oolchuun bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jiraachuu Walitti Qabduun Boordii Korporeeshinichaa Injinar Ayishaa Mahaammad ibsaniiru.

Piroojektoonni faayidaa olaanaa qaban saffisaa, qulqullinaa fi yeroo jedhame keessatti xumuramaa jiraachuu kaasaniiru.

Korporeeshinichi yeroo ammaa Piroojektoota Birriin biiliyoonni 55.7 ol baasii itti ta’an 67 ga’umsaan ijaaraa jiraachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.