Fana: At a Speed of Life!

Teknooloojiin kenniinsa Ashaaraa Quba Harkaa fi Ijaan Waldaalee Lafa Mana jireenyaa fudhatan galmeessu hojii eegale

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Teknooloojiin kenniinsa Ashaaraa Quba Harkaa fi Ijaan Waldaalee Lafa Mana jireenyaa fudhatan galmeessu hojii eegaleera.

Bulchiinsa Magaalichaatti hojmaata badaa namoota irra deddeebiin lafa mana jireenyaa fudhatan maqsuuf teknooloojiin kenniinsa ashaaraa quba harkaa fi ijaa galmeessu hojii eegaleera.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti sirni kenniinsa lafa mana jireenyaa kanaan dura ture teknooloojii dijitaalaan kan hin deeggaramne ta’uu isaan namni tokko kutaalee magaalaa gara garaarraa irra deddeebbiin tajaajila lafa mana jireenyaa argachuun madda komii ta’aa turuu Itti Gaafatamtuun Waajira Misooma, Bulchiinsaa fi Daddabarsa Manneenii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Adde Masarat Abbabaan himaniiru.

Hojmaata badaa kana maqsuuf teknooloojiin kenniinsa ashaaraa quba harkaa fi ijaan waldaalee lafa mana jireenyaa fudhatanii galmeessu hojii eegaluu Adde Masarat Abbabaan dubbataniiru.

Itti Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaa Kilaastara Tajaajilaa fi Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Gugsaa Dajanee sirna eegalchiinsa ashaaraa qubaa fi harkaa irratti argamuun yaada kennaniin, hojimaata kenniinsa lafa mana jireenyaa kanaan dura tureen, bakka namni tokko lafa mana jireenyaa tokko argachuuf rakkataa jirutti namoonni biroon ammoo kallattiilee gara garaan irra deddeebbiin lafa mana jireenyaa fudhataa turuu himaniiru.

Al-seerummaa gama kanaan jiru furuuf kenniinsi ashaaraa qubaafi harkaa furmaata jabaa ta’uu kaasaniiru.

Teeknoolojichis xiyyeeffannoon hojirra kan oolu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.