Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa fi nageenya ummataaf walta’iinsaan hojjetamu qaba jedhame

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Shira diinaa sadarkaa amasiinsaan dhaabuun nageenyaa fi tokkummaa ummataaf walta’iinsaan hojjechuun barbaachisa ta’uu qondaaltonni hojii mootummaa Naannoolee Oromiyaa fi Kibbaa ibsan.

Qondaaltonni naannolee lameenii dhimmoota waqtaawaarratti Magaalaa hawaasaatti mari’achaa jiru.

Waltajjii marichaarratti Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantiitti, Qindeessaan Kilaatara Magaalotaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaan, diinonni keessaa fi alaa weerara damee hedduu banan fashaleessuun nageenya lammiilee mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Naannawaa sochiin shanee jiruttis duula bal’aa gaggeessuun hojiin garee shororkeessicha qulqulleessuu gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniru.

Nageenyaa ummataa mirkaneessuufis hojiileen hojjetaman milkaa’oo ta’uu himaniiru.

Naannawaa naannoleen lameen waldaangessanittis nageenya waaraa mirkaneessuun misooma eegalame ittifufsiisuun barbachisaadhas jedhaniiru.

Gareen Shororkeessaa ABUT kan gulufsiisu shanee fi diinonni alaa, biyyattii naannawaa muddamaa taasisuuf shiroota gaggeessaa jiran ga’umsaan fashaleessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawu gama isaaniin, naannawaa naannoon Oromiyaa fi Kibbaa waldaangessanitti, nageenya waaraa mirkaneessuuf walta’iinsaan hojjechuuf waltajjii tumsu ta’uu ibsaniiru.

Nageenya kutaaleen hawaasaa naannolee lameeniitti argamanii eegsisuun hojii ijoo mootummaa ta’uu eeruun, keessumaa shira diinaa fashaleessuun nageenyaa mirkaneessuu barbaachisa jedhaniiru.

Hariiroo ummattoota Naannoolee Oromiyaa fi Kibbaa cimsuun nageenya naannawichaa amansiisaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu eeran.

Waltajjii marichaarratti qondaaltonni olaanoo hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Kibbaa argamuu ragaan Kominikeeshinii Naannoo Kibbaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.