Fana: At a Speed of Life!

Torbanoota sadiif leenjiin dippilomaatotaaf kennamaa ture xumurame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2015 (FBC)-Leenjiin dippilomaatota angafootaa fi dargaggoota Ityoophiyaa biyyoota garaagaraatti bakka bu’aniif Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaattii torbanoota sadiif kennamaa ture har’a xumurameera.

Leenjichi dippilomaatotaa ergama biyyaalessaa ga’umsaan bahatan horachuun kan kaayyeffatee yoo ta’u, Muummee Ministiraa Abiy Ahimad, Pireezidaantii Ityoophiyaa Saahilawarqi Zawudee, Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin leenjicha kennuu fi muuxannoo isaanii qoodaniiru.

Xumuraa leenjichaarratti leenjii xumuraa kan kennan Obbo Dammaqaa Mokonnin, sirna addunyaa jijijjiiramaa, tilmaamuun rakkisaa fi walxaxaa ta’e dippilomaatonni hubachuun haqaa fi faayidaa Ityoophiyaa kabachiisuu akka danda’an kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan dhiibbaawwan keessatti jiraachuu dippilomaatonni hubachuu akka qaban eeruun, yerocha kan giddugaleeffate, abshaalummaan kan hoggaanamu fi hojii dippilomaasummaa dippilomaasii dijitaalaan utubame hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.