Fana: At a Speed of Life!

Torbee darbe keessa meeshaaleen Koontiroobaandii birrii miiliyoona 40tti tilmaamamuu too’atame

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Meeshaaleen koontirobaandii birrii miiliyoon 40tti tilmaamamuu Hagayya 21-28, 2012 gidduutti too’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
 
Doolaarri eeyyama Baankii Biyyaaleessaa hin qabne kumni 2 harkaa harkatti qabamauus ibsameera.
 
Sa’aatii fi Manatsiriin nama dhuunfaaf hin eeyyamamne kanneen Kaameeraan itti hidhamee fi jijjiirraan qaama Isnaayipparii dhoksaan galuuf yeroo yaalu Waajjira Guumrukaa damee Booleetti too’atamuu eerrameera.
 
Albuunni seeraan alaa gatiin hin baaneef Kiiloo Giraamni 4.5 karaa alaan Soomaaleelaandii gama Toogoowaacaaleen galuuf yeroo sochu’u too’atameera.
 
Konkolaattoonni moodeela garaagaraa qaban Birrii miilyoona 12tti tilmaamaman shan karaa seeraan alaa Waajjira Guumruukaa dame Gaalaafiitti too’atamniiru.
 
Akkasumas meeshaaleen fayyaa fi nageenya ummataa balaarra buusaan, dorgommii daldala seeraa qabeessaa malaadala dhabsiisaan, Qorichaaleen, baalli sammuu adoochu, meeshaaleen elektirooniksii, gommaan konkolaattootaa fi oomisheeleen garaagaraa too’atamuu ragaan Ministeera Galiiwwaniirara argame ni muul’isa.
 
Yeroo eerrame kanatti Sigaaraa fi shiishaan Birrii miiliyoona 5nitti tilmaamaamu taankara konkolaataa boba’aa keessatti dhokfamanuun darbuuf yeroo yaalu Waajjira Guumruuka damee Awaashiitti too’atameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.