Fana: At a Speed of Life!

Torbee lamaan dhufan keessatti Ityoophiyaan ijaarsa hidha haaromsaa xumuruun bishaan guutuu kan eegaltu ta’uu fi biyyoonni sadeen waliigalteerra ga’uuf murteessan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2012 (FBC) – Torbee lamaan dhufan keessatti Ityoophiyaan ijaarsa hidha haaromsaa xumuruun bishaan guutuu kan eegaltu ta’uu fi biyyoonni sadeen waliigalteerra ga’uuf murteessuu isaanii Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.
 
Torbee lamaan kana keessatti Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts waliigalteerra ga’uuf murteessuu isaanii waajjirichi xaalayaa fuula feesbuukii isaarratti barreesseen beeksiseera.
 
Guyyaa kaleessa haala guutinsaa fi gadi lakkisa bishaaniirratti yaa’iin miseensota Biiroo Gumii Gamtaa Afrikaa, Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan marii taasiseera.
Walga’icha kan qindeessaan dura taa’aa gamtaa Afrikaa, Preezdaant Siiriil Ramaafoosaa yoo ta’an, Ityoophiyaa, Sudaan, Gibstii fi hoggantoonni miseensota yaa’ichaa Keeniyaa, maalii fi Demookraatawaa Riippabliika Koongoo hirmaataniiru.
 
Hoggantoonni kunneen dhimmi laga Naayilii fi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa dhimma afrikaa ta’uun furmaata Afrikaarraa madde akka barbaachisu jala muraniiru.
 
Adeemsi marii taasifamaa ture gama Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibstiin dhiyaachuun adeemsa marii gara fuula duraa taasifamuurratti kallattiin kaa’ameera.
 
Haaluma kanaan haala guutinsaa fi bulchiinsa hidhaarratti mariin taasifamu torbee lamaan dhufan keessatti akka xumuramu waliigalteerra ga’aniiru.
 
Dabalataan gamtaan Afrikaa dhimmicha ilaaluu eegaluu isaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif akka beeksisu, gamtaan Afrikaa fi hoggantoonni miseensota Biiroo yaa’ichaa maricha akka deeggarsan, biyyoonni sadan jechaan walmormuu fi ibsa hin barbaachifnerraa akka of qusatan kallattii kaa’uun mariin addaa hoggantoota kanneenii xumuramu biirichi ibsa baaseen eereera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.