Fana: At a Speed of Life!

Torbeen Bunaa Faayiin Afriikaa 20ffaan Magaalaa Finfinneetti baname

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) – Agarsiifnii fi Konfiraansiin Bunaa Faayiin Afriikaa 20ffaan Magaalaa Finfinnee Galma Bar-kumeetti banameera.

Agarsiisa kana irrattis dhaabbileen Oomishtootaafi Daldaltoonni Buna Afriikaa argamaniiru.

Ministira Ministeera Qonnaa DooktarGirmaa Amantee, Daayrektera Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shayii Itiyoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaafi Dura taa’aan Waldaa Buna Faayiin Afriikaa Amir Hamza dabalatee qooda fudhattoonni biroon sirna baniinsa agarsiisichaarratti Argamaniiru.

Agarsiisi kun ogeeyyii, daldaltootaai dhaabbilee bunaa irratti bobba’an muuxannoo wal jijjiiruufi walitti dhufeenya uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsamuu AMN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.