Fana: At a Speed of Life!

Trast Fandiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa proojaktoota maallaqaan deeggaraman 5 ifoomse

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Trast Fandiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa proojaktoota maallaqaan akka deeggaraman marsaa dhumaaf 22 dhiyaatan 22 keessaa proojaktoota 5 ifoomseera.

Itti gaafatamtuun koominiikeeshinii Fandichaa aadde Haanaa Axinaafuun, proojaktoonni filataman  yaada miseensoota gorsitoota diyaaspooraarratti hundaa’uun ta’uu himaniiru.

Proojaktoonni kunneen bishaan, barnootaa fi fayyaarrattin kan xiyyeeffatan ta’uu fi turtii waggaa lamaa keessatti kan xumuraman waliigala birrii miiliyoona 50tti hiiquun socho’u jedhan aadde Haannaan.

Abbaa proojaktichaa waliin sanadni walii galtee yeroo dhiyootti kan mallattuu akka ta’ee fi haala raawwii isaa irratti hunda’uun deegarsi maallaqaa sadarkaa sadarkaan kan taasifamu ta’uu himaniiru.

Proojaktoonni 17n hafanis mana maree gorsitootaan hanqinni irratti mul’ate ilaallame wayita guutan fandicha waliin sanada waliigaltee walii mallatteessuun hojiitti kan galan ta’uu himaniiru.

Hanga ammaatti deeggartoota kuma 25n ol irraa Doolaarri miiliyoonni  6 walitti qabuu isaa ragaan Eejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.