Fana: At a Speed of Life!

Tumsi barnootaa Idila Addunyaa sirna barnootaa Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 14.8 taasise

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Tumsi barnootaa Idila Addunyaa weerara vaayrasii koroonaan walqabatee sirna barnootaa Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 14.8 taasise
 
Rakkoo weerarri vaayrasii koroonaa sirna barnootaarraan ga’eef deebii laachuuf Tumsi barnootaa Idila Addunyaa deeggarsa kana taasisuu isaa ragaan Baankii Addunyaarraa argame ni muul’isa.
 
Deeggarsichi manneen barnootaa yeroo cufamanii turan barattoonni barnoota isaanii hordofuu akka danda’anii fi nageenya isaanii haala eeganiin akka banamaniif kaayyeefameeti jedhame.
 
Akkasumas sirni barnootaa rakkoo keessaa saffiisan akka ba’uuf kan oolu jedhameera.
 
Manneen barnootaa akka banamaniif meeshaalee qulqullinaa hedduminaan dhiyeessuufi ta’uu ibsameera.
 
Dabalataan barattootaa fi maatii barattootaaf dhimmoota garaagaraarratti hubannoo uumuu fi barumsa fagoo teekloonoojiin deeggarame kennuuf deeggarsa taasifame ta’uu eerrameera.
 
Deeggarsi maallaqichaa gama Baankii addunyaan Ityoophiyaaf kan qaqqabu ta’uu dubbatameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.