Fana: At a Speed of Life!

Tumsii fi michummaan Chaayinaa-Afrikaa cimee itti fufeera-Shii Jiinpiing

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) – Tumsii fi michummaan Chaayinaa-Afrikaa cimee itti fufeera jechuun preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing ibsaniiru.

Yaa’iin Ministiroota Chaayinaa-Afrikaa 8ffaan Seeneegaal Daakaaritti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti preezdaantichi haasaa taasisaniin, michummaan Chaayinaa fi Afrikaa dameewwan daldalaan, humna haaromsaa fi dhiyeessiin talaallii cimee akka itti fufuu himaniiru.

Chaayinaan hiyyummaa Afrikaarra hambisuu fi damee qonaarratti jijjiirramni akka dhufuu kan dandeessisuu proojektiiwwan 10 boccee akka hojjettus himaniiru.

Yaa’ii viidiyoo konfiraansii gaggeeffameerratti biyyoonni Afrikaa Chaayinaa waliin hariiroo barootaa dheeraa akka qaban preezdaantichi ibsaniiru.

Biyyatti yeroo itti aanuutti tumsa waloorratti keesaayuu misoomaa, ittisa weerara vaayrasii koroonaa, misoomaa magariisaa fi haqummaa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamuu qaban irratti ibsa taasisaniiru.

Chaayinaan biyyoota Afrikaaf kana duraa talaallii vaayrasii koroonaa kan laattee dabalataan doozii biiliyoona 1 akka dhiyeessituu preezdaantichi himaniiru.

Maddi:-CGTN

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.