Fana: At a Speed of Life!

Tumsii fi tokkummaan biyyaalessaa cimee akka itti fufu gaafatame

Finfinnee, Hagayya 5, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii tumsii fi tokkummaan biyyaalessaa damee hundaan cimee akka itti fufu gaafatan.

Manneen mare kunnee Tarbaayinni 2ffaan Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa anniisaa maddisiisuu eegaluu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ijaarsi hidhicha ashaaraa Ityoophiyaanota hundaan ijaaramuufi wareegamni hunda galeessi itti kaffalamuu Manni Maree Bakka Bu’ootaa Uummataa ibseera.

Hidhichi hirmaannaa qaamolee dhimmamtootaa kan mirkaneesseefi qabeenya baraa baratti darbu ta’uu eereera.

Manni marichaa Uummata Ityoophiyaa hundaaf ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Manni Maree Federeeshiniis tarbaayinni 2ffaa HGHI anniisaa maddisiisuu eegaluu isaan erga baga gammaddanii dabarseera.

Mallattoo sabaaf sablammoota Ityoophiyaa kan ta’e tarbaayinoota Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa keessaa Yuunitii 9ffaan anniisaa maddisiisuu eegaluu isaan manni marichaa ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.