Fana: At a Speed of Life!

Turkitti balaa lolaa mudateen namoonni 16 yoo du’an hedduun achi buuteen dhabamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC) – Kibba Baha Turkii magaalota lama keessatti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 16 yoo darbu, hedduun achi buuteen dhabamuu gabaafame.

Magaaloota baatii darbe kirkira lafaan miidhamanii turan keessatti rooba cimaa roobeen lolaan lubbuu namoota 16 galaafateera.

Namootni hedduun ammoo achi buuteen isaanii dhabameera jedhame.

Namoota lolaa kanaan lubbuun isaanii darbe keessaa hedduun kanneen kirkira lafaa irraa lubbuun oolanii manneen konteenaraa keessa jiraachaa turan ta’uu eerameera.

Namoota achi buuten isaanii dhabame keessaa lama hojjetoota ittisa balaa ibiddaa, jiraattonni bishaan lola’aa jirurraa akka fagataniif gaaffachaa turan ta’uu ibsameera.

Kirkira lafaa lama biyyattiitti mudatee ture lubbuu namoota kuma 48 galaafachuu fi namoota hedduu ammoo mana jireenyaa malee daandirratti hambisuun kan yaadatamuudha.

Maddi:-BBC fi RT

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.