Fana: At a Speed of Life!

Twiitariin sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaatin hojjettoonni isaa mana taa’anii hojii isaanii akka hojjetan taasise

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Dhaabbanni midiyaa hawaasaa guddichi Twiitariin tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjettoonni isaa manatti akka hojjetan ajaja dabarseera.

Dhaabbatichi fulaa miidiyaa hawaasaa isaarratti akka beeksisetti hojjettoonni isaa Hoong Koong, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa keessatti argaman mana isaanii taa’uun akka hojjetaniif eeyyamameeraf.

Hojjettoonni dhaabbatichaa kumni 5 addunyaarratti argaman mana jireenyaa isaanii keessa taa’uun hojicha akka hojjetaniif ajajni darbeera.

Dhaabbatichi guyyoota muraasaa as hojjettoonni isaa imala hin barbaachifne, akkasumas qophiilee garaagaraatti akka hin hirmaannes ajajeera.

Bulchiinsa humna namaa dhaabbatichaa Jeenifar Kiristii, karoorichi hojjettoonni keenya tamsa’ina vaayrasichaa akka hin saaxilamneefi jedhan.

Darbees maatiiwwan hojjettoota keenyaa vaayrasicharraa baraaruufi jedhaniiru.

Hogganaan dhaabbata Twiitarii Jaak Dooriis, ajaja kana dabarsuun keenya osoo koroonaa vaayrasiin hin uumamin of eggannoo murtoo gaaridha jedhaniiru.

Kanarras darbee dhaabbileen idil addunyaa bara kana waltajjii adeemsifamu irratti akka hin hirmaanne beeksisaniiru.

Kanaafis Feesbuukii fi Googl warreen caqafamaniidha.

Sababa vaayrasii koroonaaf haga amaatti namoonni du’aan kuma 3 ol ta’aniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.