Fana: At a Speed of Life!

Ulaagaaleen mirkaneessa ga’umsa 52 irraa gara 10tti akka gadi bu’u taasifame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Ulaagaaleen mirkaneessa ga’umsa daldala dura  52 turan  gara 10tti gadi bu’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi bu’uuraa raawwii fi itti gaafatamummaa kennameefiin damee daldalaa mijataa fi iftoominaa qabu waliinga’uuf  ulaagaalee mirkaneessa ga’umsaa daldala duraa  irra deebiin ilaaleera.

Foonii fi bu’aalee foonii qindeessuu fi eeguu, nyaata beelladaa fi keemikaalota bu’uuraa oomishuu, qorichoota yaala tajaajila namaaf ooluu fi keemikaalota oomishuun ulaagaa eeyyama hojii daldalaa akka ta’u ibsameera.

Dabalataan oomisha biqilootaa fi midhaanii akkasumas keemikaalota tajaajila qonnaaf oolan alaa galchuu, qorichaa namaa fi meeshaalee tajaajila yaala alaa galchuu, qoricha beelladaa fi yaalli beelladaa ramaddii hojii kenna eeyyama daldalaa ta’uu ragaan Ministeera Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo Keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.