Fana: At a Speed of Life!

Ulfaatina qaamaa hir’isuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Ulfaatinni qaamaa garmalee dabaluun miidhaa garaa garaa hordofsiisuu akka danda’u ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu.

Ulfaatinni qaamaa sababoota adda addaan akkuma dhufu, furmaanni isaas wantoota garaagaraa yoo ta’uu, adeemsa uumamaan ulfaatinni qaamaa madaallawaa akka ta’u gochuun filatamaadha.

Adeemsa uumamaan ulfaatina qaamaa sirreessuuf tarkaanfilee armaan gadii fudhachuun murteessaa ta’uu ogeeyyiin ni dubbatu.

1.Hanga Pirootinii dura fayyadamnu gadi fayyadamuun, sirna nyaataa uumamaa hordofuun coomaa qaama keessa jiru gubuun bullaa’iinsi sirni nyaata hangaawwan akka jiraatu taasiisuun ulfaatina qaamaa hir’isuun ni danda’ama jedhu ogeeyyiin.

Nyaanni guyyaan nyaannu nyaata Pirootinaan Badhaadhe ta’uu qaba.sababni isaas nyaata Pirootinaan badhaadhan gahaa nyaachuun saffisaan waan hin bulloofneef fedhii nyaataa keenya ni hir’isa jedhu ogeeyyiin fayyaa.

2.Nyaata waarshaan qindaa’aan nyaachuu hir’isuu.nyaataaleen qindaa’aan/ saamsaman hanga Sukkaaraa, Dibataa fi Kaaloorii olaanaa waan qabaniif nyaata hedduu akka nyaannu nu taasiisu.

3.Nyaataalee hanga sukkaaraa olaanaa qaban nyaachurraa of qusachuu.Nyaanni qabiyyeen isaanii Sukkaaraan Badhaadhan dhibee Onnee, Sukkaaraa fi Kaansariif nama saaxilu.

4.Bishaan hedduminaan dhuguu.keessattuu nyaataan dura bishaan baayy’isanii dhuguun ulfaatina qaamaa hir’isuu keessatti qooda olaanaa qabu.nyaatan dura bishaan dhuguun fedhiin nyaataa keenya akka hir’atu taasiisa.

5. Shaayii magariisaa baayy’isanii dhuguun cooma gubuun ulfaatina qaamaa hir’isuuf qooda olaanaa qaba.

6. Kuduraa fi Muduraalee hedduminaan nyaachuu.

7. Hirriiba gahaa rafuu.

8. Sochii qaamaa gahaa ta’e taasiisuun ulfaatina qaamaa hir’isuuf qooda olaanaa qabaachuu ogeeyyiin yaala fayyaa ni dubbatu.
Dabalataan Hojii, hariiroo hawaasummaa fi haaloota garaagaraarratti hirmaannaa ho’aa taasiisuun murteessaadha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.