Fana: At a Speed of Life!

Ummata humna lafarraa kamiifiyyuu jaalalaan malee humnaan hin jilbiiffanne qabna – Aadde Adaanach

Finfinnee, Adooleessa 15, 2013 (FBC) – Ummata humna lafarraa kamiifiyyuu jaalalaan malee humnaan hin jilbiiffanne qabannee qormaata hunda injifannoon ni ceena jedhan Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
Aadde Adaanach tokkummaa biyyaalessaa fi imala badhaadhinaa eeggale gufachiisuuf qaamoleen sochii du’aa fi jireenyaa taasiisan jiraachuu haasawa hiriira mormii garee juuntaa fi deeggarsa raayyaa ittisaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameerratti ibsaniiru.
Ummata humna lafarraa kamiifiyyuu jaalalaan malee humnaan hin jilbiiffanne qabannee qormaata hunda injifannoon ni ceena jedhan.
Ityoophiyaan Filannoo marsaa 6ffaa bu’uura diimookiraasii kaa’e nagaan gaggeessuu fi guuntinsi Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa milkiin xumuruun ishee addunyaarratti biyya moo’attu ta’uu mirkanaa’eera jedhan.
Ummata abbaa Injifannoo kanaa fi ummata kabaja olaanaa qabu kana qabaachuu keenya daraan itti boonna jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.