Fana: At a Speed of Life!

Ummata sababa rakkoo nageenyaan qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jira – BKO

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC) – Ummata sababa rakkoo nageenyaan qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksiise.

Ummata sababa garee shororkeessaa fi finxaaleyyiiin qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an deebisanii dandamchiisuuf, Buusaa Gonofaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan ibsa har’a miidiyaaleef laataniin himaniiru.

Naannawaa garichii keessa socho’aa turetti tarkaanfii fudhatamaa jiruun naannawaa qabamanii turan gadi lakkisiisaa jiraachuu eeraniiru.

Naannawaa kanneenitti tajaajiloonni bu’uuraa addaan citanii turan jalqabsiifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Nageenyaa mirkaneessuuf murteessaa waan ta’eef hawaasni nageenya isaa akka eegatu walhubannoon umamuu kaasaniiru.

Dabalaa Taaddasaa, Lalisee Tasfaayee fi Adaanachi Abbabaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.