Fana: At a Speed of Life!

Uumaamni hanga tajaajilan nama tajaajilti – Obbo Shimallis Abdiisaa

 

Finfinnee, Adooleessa 21, 2013 (FBC) – Uumaamni hanga tajaajilan nama tajaajilti jedhan Preezdaantiin Bulchhinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan sagantaa Sosochii Uumuu Kunuunsa Bosona Naannoo Oromiyaarratti haasawa taasiisan.

Obbo Shimallis Uumaamni hanga kunuunsanii fi tajaajilan nama tajaajilti jedhaan.

Hojiin kunuunsa qabeenya uumaamaaf taasiifamu har’a nu jiraachisaa dhaloota dhufuuf ammoo gaacha ta’a jedhan obbo Shimallis.

Duudhaa Oromoo duriitti deebi’uun dirqama ta’a jedhan.

Hojiin kunuunsa bosonaa Godina Baaleetti hojjetame godinaalee biroof muuxxannoo ta’uu qaba jedhan.

Bosonni naannoo Oromiyaa yeroo ammaa %26.6 irra ga’uu ibsaniiru.

Sagantaa sosochii uumuu Kunuunsa Bosona naannoo Oromiyaa galma Abbaa Gadaatti gaggeeffameerratti Preezdaantii Bulchhinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa sadarkaa naannoo hanga gadii jiranii fi qooda fudhattoonni argamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.