Fana: At a Speed of Life!

Uummanni Oromoo jijjiirama qabsoon argame tikfachuu qaba – Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa

 

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2014 (FBC) –Uummanni Oromoo jijjiirama qabsoon argame kana qaama nageenyaa waliin ta’uun tikfachuu akka qabu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa beeksise.

Biiroon kun haala yeroo irratti miidiyaaf ibsa kenneera.

Sabni Oromoo waggaa150’n darban qabsoo gaggeessaa tureen aarsaa gurguddaa kaffalaa tureera jedhan, ibsa kana kan kennan hoogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa obbo Shaafii Huseen.

Waggoota 27’n darbanis TPLF’n dhiibbaawwan gara garaa irra gahaa tureera,dhiibbaa irra gahuuf osoo hin jilbeeffatiin gurmaa’uun qabsoo gaggeesseen jijjiiramni dhufeera jedhan.

Humni kun waggoota 27’n darban Uummata kana hiraarsaa,qabeenyasaa saamaa ture, ammas jijjiirama kana gufachiisuuf dhiibbaa gara garaa taasisaa jira.

Kanas humna biyya keessaa fi alaa kanneen fedhii mataasaanii guuttachuuf dhamaa’an waliin qindaa’uun injifannoon argame akka itti hin fufne hojjechaa jiru,naannoo Oromiyaa keessaattis gocha badii kana raawwachaa jiru jedhan obbo Shaafiin.

TPLF Shanee waliin qindaa’uun Oromiyaa keessaattis nageenya booressuuf hojjechaa jira.

Humna shiraan dabaalamee nama miidhuu irratti hundaa’ee fi gocha badii raawwachuu isaa namni hunduu sirriitti hubachuu qaba jedhan.

Injifannoon argame kun injifannoo uummataati, Uummatni Oromoos injifannoo argame kana tikfachuu qaba jedhan.

Dargaggeessi keenya kaleessa harka qullaa taankii fuula dura dhaabatee qabsa’ee Wayyaanee fonqolche, har’as ejjennoo kaleessaa qabatee humna saamtuu fi sobduu kana fuula dura dhaabbachuu qabaa dhaaman.

Qonnaan bultootnii fi horsiise bultootni keenyas kaleessa dukkana keessa dhaabbatee gatii guddaa kaffalaa ture injifannoo argame kana tikfachuu qabas jedhan.

Hawaasni martuu aggaammii diinaa hubatee gocha gareen badii kun biyyattii diiguuf hojjechaa jiru dura dhaabbachuu qabaas dhaaman.

Caasaan nageenyaa, nageenya naannichaa mirkaneessuuf hojjechaa akka ture eeruun ammas hojiin nageenya kabachiisuu cimee itti fufa,hawaasnis qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun nageenyasaa tikfachuu qabaa dhaaman.

Maddi:- OBN

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.