Fana: At a Speed of Life!

Uwwisni Bosonaa Ityoophiyaa % 17.2 ga’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) – Uwwisni Bosonaa Ityoophiyaa % 17.2 ga’uu Komishiniin Eeggumsa Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Jijjiirrama Qilleensaa beeksiise.
‘Qabeenya uumamaa dandamachiisuun misooma biyyaaf’ mata duree jedhuun guyyaan eeggumsa naannoo addunyaa Magaalaa Hawaasatti marii paanaaliin kabajamaa jira.
Guyyaan kun akka Ityoophiyaatti yeroo 28ffaaf, akka addunyaatti ammoo si’a 48ffaaf kabajamaa jiraachuu himameera.
Ayyaana kanarratti Komishinara Komishinii Eeggumsa naannoo, Bosonaa fi qabeenya jijjiirrama qilleensaa Proofeesar Fiqaaduu Bayyanaa fi Preezdaantii naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoo dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo Federaalaa fi naannolee argamaniiru.
Uwwisni bosonaa Ityoophiyaa bara 2008 % 15.5 irra ture yeroo ammaa % 17.2 irra ga’uu Proofeesar Fiqaaduun himaniiru.
Eeggumsa qabeenyaa Umamaa fi qabeenya uumamaa dandamachiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka EBCn gabaaseetti sagantaa Ashaaraa magaariisaa bara kanaan biqiltuu Biiliyoona 6 dhaabuuf hojiin eegalame madaala qabeenya uumamaa eeguuf qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.