Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf qajeelfamoota ba’aan yoo hojirra hin oolchine gatii nu kaffalchisa – Dr. Abiy

Fifninnee, Caamsaa 9, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad vaayrasii koroonaa ittisuuf qajeelfamoota ba’aan yoo hojirra hin oolchine gatii nu kaffalchisa jedhan.

Dooktar Abiy fuula Feesbuukii isaanirratti akka ibsanitti, bu’aan qorannoo hamma har’aatti jiru akka mul’isutti weerara COVID-19 n sadarkaa addunyaatti lubbuun namoota 307,000 olii darbeera jedhan .

Lakkoofsii nammoota vaayrasichaan qabamanii ammoo miiliyoona 4.5 yoo gahu, lakkoofsi kun kana caalaa dabaluu akka danda’u haaloonni jiran ni mul’isu jedhaniiru.

Biyyoonni garmalee vaayrasichaan miidhaman irra caalaan isaanii biyyoota diinagdeen guddatanidha.

Biyyoonni kunneen dafanii tarkaanfii fudhachuu dhabuufi tamsa’ina vaayrasichaa to’achuuf imaammata barbaachisu yeroon hojiirra oolchuu dadhabuu isaaniif gaabbaa jiru.

Kun nuuf barumsa guddaadha. talaalliin Vaayrasicha ittisuuf dandeessisu hamma yoonaatti hin argamne.

Kanaafuu tarkaanfiiwwan vaayrasicha ittisuuf fudhachuu qabnu; gargar fageenya qaamaa eeguu, yeroo yeroon harka dhiqachuufi qulqullina ofii eeguu, hagugduu afaanii fi funyaanii sirriitti fayyadamuu, akkasumas uummanni yeroo murtaa’eef akka mana turu gochuu sirnaan hojirraa ooluu qaba jedhaniiru.

Fageenya qaamaan eeguu fi uummanni guutummaatti ykn gartokkeedhaan akka mana turu gochuu, utuu Vaayrasichi garmalee hin tamsa’iin yoo hojiirra oolfamee, biyyoonni tamsa’ina vaayrasichaa ittisuufi dhiibbaa sirna tajaajila fayyaa irra ga’u hir’isuuf ni danda’u jedhaniiru.

Tarkaanfiin kun diingdee akka miidhu beekamus hubaatii badaan utuu hin gahiin tamsa’inasaa dhaabuun baay’ee barbaachisaadha. Itoophiyaatti erga namni jalqabaa vaayrasichaan qabame argamee torban 8 ta’eera.

Hanga ammatti namoonni 317 vaayrasichaan qabamaniiru.

Biyyoota kan biroo waliin yoo bira qabamee yoo ilaallamu lakkoofsichi gadi aanaa ta’us, suuta suuta dabala jira.

Mootummaan tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf tarkaanfiiwwan si’ataa fudhachaa tureera.

Keessumaa tibba vaayrasichi biyya keenya seenuun isaa barame deebiin uummataa gaarii fi Vaayrasicha ittisuuf kan gargaaru ture.

Yaa ta’u vaayrasichi suuta jedhee tamsa’uu isaatiin Itoophiyaa miidhuu akka hin dandeenye yaaduutu jalqabame.

Ta’innaan bu’ura dhugaa hin qabne dhagahamuu jalqaban.

Kanarraa kan ka’e namoonni hedduun tarkaanfiiwwan akka fageenyaa qaamaa eeggachuu fi daddafanii harka dhiqachuu tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf akka gargaaruu dagatameera.

Dogoggora biyyoota lammiilee isaanii hedduu Vaayrasichaan dhabanii, sirni tajaajila fayyaa isaanii gaaga’amee fi diinagdeen isaanii garmalee miidhame irraa barchuu yoo dadhabne gatii guddaa nu kaffalchisaa jedhaniiru.

Kanaafuu Itoophiyaanonnii fi warri Itoophiyaatti argamtan hundi tasumaa utuu hin dagatiin qajeelfamoota ittisaa vaayrasichaaf bahaan hojii irra akka oolchitan waamichakoon isinii dhiyeessa jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.