Fana: At a Speed of Life!

Viinseenti Kompaaniin leenjisaa Baayerni Muunikii ta’uuf waliigale

Finfinnee, Caamsaa 17, 2016 (FBC) – Viinseenti Kompaaniin waggoota sadan itti aananiif leenjisaa Baayerni Muunikii ta’uuf waliigaluu ibsame.
Baayermuunik Vinseenti Kompaanii fudhachuuf Barnilleef beenyaa Yuuroo miiliyoona 10.2 kaffaluuf waliigalteerra gahuu himameera.
Taphataan sarara ittisaa Maanchisteer Siitii duraaniifi leenjisaan kilaba Barnillee ammaa gara fuulduraa kilaba Baayerni Muunik leenjisuuf waliigaluu isaa BBCn gabaaseera.
Kompaniin hanga bara 2027tti leenjisaa garichaa ta’uuf yaada dhiyaate fudhateera.
Taphataa Maanchister Siitii ta’uun yeroo afur Piriimiiyeer Liigii Ingiliz kan injifate Kompaniin leenjisummaa kan eegale bara 2020tti ture.
Leenjisaan ganna 38 kun bara taphataa ture waggaa lamaaf kilaba Haamberg waan tureef afaan Jarman beekuun isa gargaareera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.