Fana: At a Speed of Life!

Vilaadmiir Puutiiniifi Shii Jiinpiing waliigaltee garaagaraa waliif mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiiniifi Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing waliigaltee garaagaraa waliif mallatteessuu gabaafame.

Anga’oonni lameen waliigaltee tumsa dameewwan daldalaa, indaastirii, saayinsiifi loltummaan qaban cimsan waliif mallatteessuu ibsameera.

Haala hariiroo daldalaa biyyoota lameenii guddisuun danda’amuufi bu’uuraalee misoomaa daangaa ce’an babal’isuun danda’amurratti mari’achuus RTn gabaaseera.

Kana malees tumsa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi damee anniisaan qaban guddisuu danda’anirratti mari’achuu ibsameera.

Damee Raayyaa Ittisaanis shaakala humna galaanaafi qilleensarraa yeroo yerootti taasisuuf akkasumas tumsa damee kanarratti waliin qaban haala amansiisaarraan gahuuf waliigaluu eerameera.

Waraanni Raashiyaafi Yuukireen karaa nagaan hiikamu akka qabu waliigalteerra ga’uu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.