Fana: At a Speed of Life!

Waajjiraaleen damee Paartii Badhaadhinaa naannoo Somaalee, Amaaraa fi Beeniishaanguul Gumuuz leenjii hoogantoota gaggeessaa jira

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Waajjiraaleen damee Paartii Badhaadhinaa naannoo Somaalee, Amaaraa fi Beeniishaanguul Gumuuz leenjii hoogantoota gaggeessaa jira.

Waajjirri damee Paartii Badhaadhinaa naannoo Somaalee haalaa biyyaalessaa fi idil addunyaa hubachuun hoogganaa deebii ariifachiisaa laachuu danda’u uumuuf guyyaa kaleessaa eegalee leenjii kennaa jira.

Guyyaa har’aa dabalatee, guyyoota 6 itti fufaniif leenjii hooggansaa laatu hooggantootni 500 naannoo, godinaa fi aanaa irraa filataman hirmaataa jiru.

Haaluma walfakkaatuun waajjirri damee Paartii Badhaadhinaa Amaaraa guyyaa har’aa eegaleera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Damee Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraa obbo Aganyaw Tashaagar akka himanitti leenjiichi kan kennamu dandeettii hooggansaa guddisuu fi ergamoota fulduratti jiraataan haalaan kan hubatee, sadarkaa paartiitti ijaarasa paartii cimaa giddugaleessa kan godhate demokiraasummaa badhaadhina mirkaneessufi.

Waajjiri Damee Paartii Badhaadhinaa naannoo Beeniishaanguul Gumuuz guyyaa har’aa leenjii hooggantootaaf laatu eegaleera.

Leenjicharratti hooggantoonni waajjira damee Paartii Badhaadhinaa naannichaa 200 hirmaachaa jiru.

Hogganaa haalaa naannoo, biyyaaleessaa fi idil addunyaa hubachuun deebii ariifachiisaa laatu uumuuf waltajjichi faayidaa qabaachuu Preezdaantiin naannichaa obbo Ashaadilii Hasan himaniiru.

Hoogganaan waajjira damee Paartii Badhaadhinaa naannoo Beeniishaanguul Gumuuz obbo Isiiq Abdulqaadir gama isaaniin leenjichi dandeetti fi beekkumsa hoggantoota gabbisuun daandii badhaadhinaa milkeesuuf kan gargaarudha jedhaniiru.

Leenjicharratti hooggantoonni waajjira damee Paartii Badhaadhinaa naannichaa 550 hirmaachaa jiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.