Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Caffee ergaa baga ayyaana Irreechaa bara 2014 geessanii dabarse

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC)- Waajjirri Caffee Oromiyaa Ummata Oromoo biyya keessaafi ala jiraatan maraaf erga baga ayyaanaa Irreechaa Bara 2014 nagaan geessanii dabarseera.

Guutuun ergichaas akka argamaan gadiitti dhiyaateera:-

Caffeen Oromiyaa, Ummata Oromoo biyya keessaafi ala jiraatan maraan baga Irreechaa Bara 2014n nagaan geessan jedha.

Irreechi jaarmiyaalee sirna Gadaa keessaa tokko, mallattoo tokkummaa, nageenyaa, jaalalaafi obbolummaa kan ibsu duudhaa, seenaafi hariiroo waliin jireenya bara dheeraaf Oromoon saboota, sablammootaafi uummattoota obbolaa waliin qooddatuufi sirna galateeffannaa uumaati.

Irreechi, sirna miidhagaafi hambaa biyyaafi addunyaa ta’uu osoo danda’uu jaarraa tokkoofi walakkaa oliif sirnoota abbaa irree darbaniin dhiibbaafi hacuuccaan irra gahaa kan tureefi ardaawwan Jilaafi malkaawwan Irreechi itti irreeffatamaa ture adda addaatti yeroo dheeraaf addaan citan keessaa Irreechi Hora Finfinnee tokko ture.

Qabsoo hadhaawaafi obsa fixachiisaa taasifameen Finfinneen handhuura Oromiyaa akkuma taate, Horri Finfinnees giddu gala malkaa Irreeffannaa Oromoo ta’uun Oromootaafi sabaafi sablammoota miiliyoonaan lakkaawwaman hirmaachisuun irreeffachuun erga jalqabamee waggoonni lama darbaniiru.

Irreechi Tulluufi Malkaa waktiiwwan lamaan Bonaafi Birraa Oromoon waaqa uumaa isaa itti kadhatuufi kadhatee kan argateef immoo itti galateeffatudha. Irreechi Malkaa Hora Finfinneefi Hora Arsadees Irreecha galateeffannaa Masqala barii Oromoota hunda walitti fidu, ummattoota obbolaa biyyattii hunda kan hirmaachisu sirna guddaa qalbii addunyaa hawwatudha.

Hundaa’ol, aadaafi eenyummaa isaa abbaatu kunuunfata akkuma jedhamu abbaan jila kanaa Oromoota hunda waan ta’eef, guddinaafi dagaagina aadaafi ibsituu eenyummaa keenyaaf immoo adda durummaan kan quuqamus abbaadhuma waan ta’eef, ofirraa eegallee duudhaalee Irreechaa tiksuun Irreechi mallattoo jaalalaa, tokkummaafi obbolummaa ta’uusaa addunyaaf mirkaneessuun gahee hunda keenyaati.

Irreeffannaaf, Oromoonni gara Hora Finfinnees ta’e Arsadeetti wayita socho’an sirna galateeffannaafi Irreeffannaa qofa akeekaafi galma godhachuun kan milkii akka nuuf ta’uuf hunduu gaheesaa bahachuu akka qabu waamicha dhiyeessaa, hawaasa fayyaa qabutu aadaafi duudhaasaa kunuunfatee gabbifata waan ta’eef, jila guddaa kanarratti eeggannoo COVID-19f taasifamuu qabus hawaasni keenya dagachuu hin qabu.

Caffeen Oromiyaas, aadaan, duudhaaleefi safuun Oromoon qabu akka guddatuufi dagaaguuf, dhaloonnis duudhaalee Oromummaa irraa barachaa itti guddatuuf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechuu irratti argama.

Irreechi bara kanaa injifannoowwan hedduun dabaalamee kan kabajamu yommuu ta’u, Caffeen Oromiyaa bu’aa sagalee ummata keenyaa kan ta’e mootummaa haaraa yeroo itti hundeesseefi akka biyyaatti mootummaa haaraa jidduu galeessaa hundeessuuf immoo qophii barbaachisu hunda xumuruun jala bultii irratti kan argamnu ta’uun isaa Irreecha bara kanaa adda taasisa.

Irreechi Irreecha Nagaa, Milkii, Jaalalaafi Obbolummaan keenya itti dagaagu akka nuuf ta’u hawwa.

Waajjirra Caffee Oromiyaa

Fulbaana 21,2014

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.