Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan 3’n darban hawaasaa Diyaaspoorarraa Doolaarri biiliyoonii 14 argame – TDI

Finfinnee, Amajjii 2, 2015 (FBC) – Waggoottan 3’n darban hawaasaa Diyaaspoorarraa Doolaarri biiliyoonni 14 argamuu Tajaajilli Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksise.

Tajaajilichi, Amajjii 18, 2015 guyyaa beekkamtii fi galateeffannaa hawaasaa diyaaspooraa ilaalchisee ibsa kenneera.

Sagantaa beekkamtii fi galateeffannaa hawaasa diyaasporaa kana Tajaajilli Diyaaspooraa Ityoophiyaa fi Ministeerri Dhimmaa Alaa waloon kan qopheessa ta’uu eerameera.

Sagantichi isa jalqabaa ta’uu Daayreektarri tajaajilichaa Dooktar Mahammad Idriis himaniiru.

Hawaasni Diyaaspooraa deeggarsa hunda galeessa taasiisaa turaniif kan galateeffataman qofa osoo hin taane seenaafillee kan kaa’amu ta’uu dubbachuu isaanii EBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.