Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Misooma Oromiyaa deeggarsa gumaache

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Waldaan Misooma Oromiyaa deeggarsa addaddaa gumaache.
 
Waldichi aanaa Sabbataa Hawaasitti namoota harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsa meeshaa qulqullinaa, uffataa fi nyaata Birrii kuma 500 tilmaamamu laatera.
 
Kana malees ambulaansota 24 godinaalee 3f deeggarsaan laatera.
 
Sagantaan dhaabbii biqiltuutis aanichumatti gaggeeffameera.
 
Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ganna bara darbeetin waldichi biqiltuu miiliyoona 4 dhaabuu fi barana ammoo biqiltuu miiliyoona 4.5 dhaabuuf hojjechaa jiraachuu daayreektarri olaanaa waldichaa obbo Dajanee Itichaan beeksisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.