Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Ityoophiyaa ogeeyyii fayyaa haala rakkisaa keessatti tajaajila kennaa turan galateeffate

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Ityoophiyaa ogeeyyii fayyaa haala rakkisaa keessatti tajaajila kennaa turan galateeffateera.

Waldichi yaa’iisaa waggaa 58ffaa gaggeessaa jira.

Saganticharratti haasaa kan taasisan Preezdaantii Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Ityoophiyaa Dooktar Tagbaar Yigzaawu, bara darbe sababa waraanaa fi vaayrasii koroonaatiin seektarri fayyaa qorumsa guddaa keessaa ture jedhaniiru.

Sababa waraanichaatiin buufataalee fayyaa barbadaa’an deebisanii ijaaruu fi ogeeyyii fayyaa haala rakkisaa keessatti tajaajila kennaa turan galateeffataniiru.

Jaarraa 21ffaa keessa qisaasamni fayyaa olaanaa hin eegamne wayita umamu danda’u waan ta’eef ogeessonni fayyaa ogummasaanii fi xinsammuutiin qophaa’uu qabu jedhaniiru.

Waldichi dandeettii ogeeyyii fayyaa guddisuu fi jireenyasaanii jijjiruuf hojjechaa turuusaa Dooktar Tagbaar himanii, waldichi hojiisaa kanas cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Maddi:-DHPI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.