Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Qorannoo Oromoo osoo of hindaangessin hojjechuu qaba-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Waldaan Qorannoo Oromoo osoo of hindaangessin hojjechuu akka qabu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Sagantaan hundeeffama Waldaa Qorannoo Oromoo Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Sagantichaarrattis Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasawaa taasisaniin qaamolee waldichi akka hundaa’uuf gahee isaanii bahatan galateefataniiru.

Oromoon ummata Seenaa bal’aa, aadaa fi duudhaa kabajamaa qabu jedhanii, Pireezidaanti Shimallis, imalli qabsoo Oromoo sammuu Oromoo bilisa baasu ta’uu fi waldichis gama kanaan shoora olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Waldaan Qorannoo Oromoo osoo of hindaangessin hojjechuu qaba jedhaniiru.

Waldichaafis Birrii miiliyoona 50 gumaachuun, waajiraa hojii fi mana maxxansaan akka deeggaran waadaa galanuu ragaan waajjira pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.