Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Mana Maree hojii raawwachiiftuu Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014(FBC) – Walga’iin Mana Maree hojii raawwachiiftuu Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Walga’icharratti Barreessaa dhaabbatichaa Muusaa Faakii Mahaamat dabalatee hirmaattoonnii hedduun argamuu ibsameera.

Dhaabbileen hawaasaa qabeenya Diinagdee gamtaa Afikaa jalatti argaman walga’ii kurmaana 3ffaa waloon gaggeeffameef ajandaawwan ni dhiyeessu jedhame.

Walga’ichi sababa weerara Vaayrasii koroonaan waggoottan lamaan darban kan hin gaggeeffamne ta’uu dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat ibsaniiru.

Manni marichaa walga’ii gaggeessuu eegale kanaan baajata ittiin socho’uu fi Faayinaansii deeggarsarratti mari’achuun murtoo ni dabarsa jedhan.

Dabalataan bara Faranjootaa 2022tti wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, eeggattummaarraa gara of danda’uutti, qabeenya diinagdee ardichaa walitti hidhuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu Muusaa Faakiin ibsaniiru.

Yidinaqaachow Hayilamaariyaamtu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.