Fana: At a Speed of Life!

Walharkaa fuudhinsi Paampotaa fi Jenereetara raawwatame

Finfinnee,Adoolessa 10, 2012 (FBC) – Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf walharkaa fuudhinsi Paampotaa fi Jeneretaroota kuma 5 fi 910 raawwatame.
 
Dhiibbaa weerara vaayrasii koroonaan ga’u hir’isuuf damee misooma jallisiif baajata biiliyoona 16 ramadameerratti birrii biiliyoonni 1.6 dabalataan ramamuu ibsameera.
 
Marsaa kanaan qonnaan bultoota kuma 4f deeggarsi Paampotaa fi jenereetarootaa kan taasifame yoo ta’u, misooma jallisiin lafa heektaraa kuma 23 ol misoomsuun lammiilee miiliyoona walakkaa fayyadamoo taasisuu danda’a jedhameera.
 
Rakkoolee dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu fi Saaniiteeshinii magaaloota 22 fooyyeessuuf kan oolan konkolaattoonni ammaayyaa 53 naannoleef laatamuu ibsameera.
 
Deeggarsichi kan itti fufu ta’uu kan ibsan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad bara dhufu oomisha fooyya’aa argachuuf hojiirra ooluu qaba jedhan.
 
Naannoleen deeggarsa argatanis kaayyoo kana galmaan ga’uuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
 
Yeroo itti aanuu naannolee deeggarsa kanatti fayyadamuun bu’aa gaarii argamsiisaniif badhaasni fooyya’aan kan laatamu ta’uu ibsaniiru.
 
Hayilaiyyasuu Siyyumtu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.