Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee nageenyaa taasifame hordofee kaaba biyyattiitti nageenyi fooyya’aan uumameera- Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Sadaasa 21,2015 (FBC)- Waliigaltee nageenyaa taasifame hordofee kaaba biyyattiitti nageenyi fooyya’aan uumamuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsan.

Dooktar Laggasaan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, waliigaltee nageenyaa taasifame hordofee kaaba Ityoophiyaatti nageenyi fooyya’an uumamuu ibsuun, kabajni  ayyaana waggaa Maaramii Aksuum Tsiyoon, Kuhaa Maqaleefi iddoowwan garaagaraatti guyyaa har’aa kabajame kanaaf ragaa ta’uu eeraniiru.

Kabajni ayyaanaa bakkeewwan kanneenitti taasifame akka durii ta’uu baatus nageenyi eegalama galma akka gahuuf abdii kan namatti horudha jedhan.

Nageenya harka keenya gale kunuunsuufi eeguun itti gaafatamummaa lammii hundaati jechuun dhaaman.

Rakkooleen nageenyaa bakkeewwan biroo keessumaa Lixa Oromiyaa bakkeewwan tokko tokkotti mul’atan yeroo gabaabaa keessatti akka furamaniif tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakkeewwan biyyattii hundatti nageenyiifi tasgabbiin akka uumamuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Tattaaffii kana humnoonni nageenya jaallatan akkuma kanaan duraa deeggaruufi cimsuu qabu jedhan.

Miidhaafi dhukkubbiin bakkeewwan kanneenitti uumamaa jiran miidhaafi dhukkubbii hunda keenyaati jechuun, rakkichaaf bifa sabummaafi naannawaa kennuurra nageenya waaraaf tokko taanee ha dhaabbannu jechuun dhaamaniiru.

Wabiin qaama hundaa fedhiiwwaniifi gaaffilee  jiran marii karaa nagaan furuun qofa ta’uu ibsuun, filannoon kanaan ala jiru kisaaraa qofa ta’uu addeessaniiru.

Karaa nageenyaan kan dhufu hundaaf balballi nageenyaa mootummaa banaadha jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.