Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen deeggarsa meeshaalee tajaajila yaalamtoota dhibee Asmaa 150 mallatteeffaame

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC)- Waliigalteen deeggarsa meeshaalee tajaajila yaalamtoota dhibee Asmaa 150 mallatteeffaameera.
Ministeerri Fayyaa Astiraazeeniik Soosaayiit waliin waliigalticha mallatteessaniru.
Meeshichi lammiilee dhibeen Asmaarratti argamuu yaalicha haala salphaa ta’een akka argataniif kan gargaruudha jedhameera.
Sirna waliigalticha kan raawwatan Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa fi daayreektarri Astiraazeeniik Soosaayiit Afrikaa Baarbaaraa Neelidha.
Mallattoon waliigaltichaa waggaa tokkoof kan turuu yoo ta’uu, meeshaaleen kunneen marsaa lamaan kan dhiiyatan ni ta’a.
Meeshaaleen kunneen dhaabbilee fayyaa 47 keessaatti tajaajila ni laatu jedhameera.
Haaylayyasuus Siyyuumtu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.