Fana: At a Speed of Life!

Waliin ga’iinsa gabaa kuduraa fi muduraa babaldhisuuf hojjetama jira

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Waliin ga’iinsa gabaa kuduraa fi muduraa babaldhisuuf hojjetama jirachuu Eejensiin Hojii Gamtaa Federalaa beeksise.

Waltajjiin waldaan hojii gamtaa biyyoolessaa oomisha walitti hidhamiinsa gabaa kuduraa fi muduraa guyya har’a magaalaa Adaamaatti eegalameera.

Bakka bu’aan daayreektara olaanaa eejensichaa obboo Darreboo Buuseer, fedhii hawaasni kuduraa fi muduraa irratti qabu fooyyeessuun waliin ga’iinsa gabaa ol giddisuun dhimma murteessadha jedhan.

Fedhiin gabaa biyya keessaa olaanaa ta’uu, humna namaa oomishuuf haallii mijataan jiraatus damicha irratti waldaaleen gurmaa’an fedhii hawaasaa guutuu irratti hanqinni jiraachuu dubbataniiru.

Baajata bara kanaatin kuntaala kuma 50 ol kuduraa fi muduraalee garaagaraa qonnaan bulaa irraa gatii madaalawaa ta’een gabaa biyya keessatiif dhiyeessuuf karoorsuu himaniiru

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.