Fana: At a Speed of Life!

Walkabajni amantaalee gidduu jiraatu nageenya waaraa fi guddina ariifachiisuuf qooda olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC) – Walkabajni amantaalee gidduu jiraatu nageenya waaraa fi guddina ariifachiisuuf qooda olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen ibsan.

Yaa’iin tumsa Dhaabbilee Amantaalee jalqabaa galma walga’ii Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamaa jira.

Amantaaleen nageenya,tokkummaa fi walkabajuu ummataa cimsuu keessaatti gahee olaanaa qabaachuu Pireezidaanti Saahilawarq ibsaniiru.

Yaa’iicharratti Interneetiin ergaa kan dabarsan Pireezidaantiin FDRI Sahileewarqi Zaawudee,Addunyaa kanarra shoorri Amantaalee dagatamuu akka hin qabne eeruun, namuusa lammiilee cimsuufi guddisuu keessattii amantaalee akka meeshaatti fayyadamuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Walkabajuu fi tumsi dhaabbilee Amantaalee giddu jiru guddinaa biyyaa saffisiisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Barreessaa olaanaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa Lubni Tagaay Taddalaan gama isaaniin,kaayyoon yaa’ichaa dhimmoota Nageenyaa, kabajaa namoomaa, eegumsaa naannoo ,misoomaa waaraa fi bilisummaa Amantaalee irrattii mari’achuuf ta’uu eeraniiru.

Yaa’iin Dhaabbilee Amantalee Ityoophiyaa dhaabbiilee tumsitootaa waliin ta’uun yeroo jalqabaf yaa’ii Idil Addunyaa qopheessuu ibsameera.

Yaa’iicharratti hoggantoonni Mootummaa olaanoon, dhaabbilee mootummootaa Gamtoomanii ,Hoggantoonni Gamtaa Afrikaa, Dippiloomatoonni Magaalaa Finfinneetti argaman ,dhaabbiileen Amaantalee Afrikaa fi Idil Addunyaa akkasumas, kessuumoonnii waamichi taasifameef biroon argamuu EBCn gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.