Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Af yaa’iiwwan federaalaa fi naannoolee magaalaa Laallibalaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC) – Waltajjiin marii Af yaa’iiwwan federaalaa, naannoolee fi bulchiinsa magaaloota lamaanii Af yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummatta obbo Taaggasee Caafoon durfamu magaalaa Laallibalaatti gaggeeffamaa jira.
Af yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummatta obbo Taaggasee Caafoo, itti aantuun Af yaa’ii aadde Shittayyee Minaalee, Af yaa’iin mana maree Federeeshinii obbo Adam Faaraahii, itti aantuun Af yaa’ii mana maree Federeeshinii Itsagannat Mangistuu fi Af yaa’iiwwan naannoolee fi bulchiinsa magaalota lamaanii maricharratti argamaniiru.
Labsii haaraa Riifoormii hariiroo mootummaa fi mana maree federeeshinii eegalamee irratti hubannoo fooyya’aa uumuuf marii gaggeeffamu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.