Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii biyyaalessaa Ministeerri Nageenyaa qopheesse itti fufeera

Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC) – Waltajiin adeemsa ce’umsa diimookiraasii Ityoophiyaa, waliigaltee biyyaalessaa fi dhimmoota filannoo marsaa 6ffaarraatti xiyyeeffatu har’as itti fufee gaggeeffamaa jira.
Jijjiirrama dhufe hordofee ministeerichi ijaarsi sirna diimookiraasii, nageenyaa fi haqaa bu’ura cimaan akka dhaabbatu hojiilee garaagaraa raawwachaa jiraachuu ibsameera.
Mariin guyyaa har’aa muuxxannoowwan ce’umsaarratti argamanirratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jira.
Waltajjii marii biyyaalessaa kaleessa eegalame kun hanga Caamsaa 11, 2013 turu jedhame.
Waltajjiiwwan gaggeeffaman kanaan dhimmoota eerramanirratti mari’achuun furmaata waloorratti hubannoon akka qabatamuu ni taasiifama jedhamee eeggama.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.