Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Marii Iniisheetiivii hunda galeessaa sadarkaa biyyaalessatti hundaa’e

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Waltajjiin Marii Iniisheetiivii hunda galeessaa sadarkaa biyyaalessatti hundaa’e.

Hundeeffamuun waltajjichaa dhimmoota biyyaaleessarratti waltajjii marii itti fufinsa akka jiraatuuf ga’ee qabachuu ibsameera.

Hundeeffama Iniisheetiiviichaarratti haasaa kan taasisan walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa obbo Muusaa Adam Iniisheetiiviichi marii biyyaalessaa qindaa’aa milkeessuf ga’ee akka qabu ibsaniiru.

Hirmaattonni marichaa paartilee siyaasaa fi kutaalee hawaasaa garagaraa irraa walitti kan baba’an akkasumaas, naannoolee hunda kan hirmaachise akka ta’uuf ni hojjeta jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.