Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa keessatti guyyaan namoonni 13 balaa tiraafikaan ni du’u

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) –Waltajjiin marii qorannoo nageenya tiraafikaa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin marii kun haala walii gala nageenya tiraafikaa Ityoophiyaa ilaalchisee qorannoo qophaa’e iratti  Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Komishinii misooma Afrikaan galma waltajjii Komishinitti gaggeeffamaa jira.

Ityoophiyaa keessatti uwwisni daandii Aspaaltii % 14 irra kan jiru yoo ta’uu, balaan tiraafikaa %80 daandii aspaaltii irratti kan qaqqabe ta’uu qorannoon dhiyaate akeekera.

Balaa biyyattiitti qaqqabe keessaa %85 naannoo Oromiyaa, Amaaraa ,Magaalaa Finfinnee fi naannoo kibbaatti ta’uu qorannichaan ibsameera.

Akka qorannoo kanaatti guyyaan namoonni 13 balaa tiraafikaan ni du’u.

Waltajichi deeggarsa Komishinii misooma Afrikaan kan qophaa’e yoo ta’u, Ministir Deettaan Ministeera Geejjiba FDRI aadde Muluu Gabra’igzii’aabheera marii kana irratti argamuun haasawa baniinsa taasisaniiru.

Ministeerri Geejjibaa FDRI  yeroo kamiiyyuu caalaa balaa nageenya tiraafikaan ga’u hir’usuuf xiyyeeffannoon ni hojjeta jedhaniiru.

Miidhaa lubbuu, qaamaa fi qabeenya irra ga’u hambisuuf nageenyaa tiraafikaa irratti sosochii biyyaaleessaa taasisuuf hojjetamaa jira jedhan aadde Muluun.

Sosochii taasisaaniif ragaan qorannoo dhiyaatu kana irraa argamu shoora ni qabaata kan jedhan aadde Muluun, balicha hir’suuf hawaasa waliin bifa qindoomina qabuun kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Qorannoon nageenya tiraafikaa kutaalee 5tti  qooddamuun qorattootan waltajjii kana irratti dhiyaataa jiraachuu ragaan Ministeera Geejjibaa argame ni agarsiisa.

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.