Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii waloo Komishinii Marii Biyyaalessaafi Deeggartoota Misoomaa 2ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Waltajjiin marii waloo  Komishinii Marii Biyyaalessaafi Dhaabbilee Deeggartoota Misoomaa 2ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Waltajjichi tumsa komishinichi deeggartoota misoomaa idil addunyaa waliin qabu cimsuurratti kaayyeffachuu ibsameera.

Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Arayaan sochiilee hojii hanga ammaarratti ibsa laataniiru.

Komishinichi hojiilee hedduu hojjechaa turuu yaadachiisuun, galma isaa karaa bu’aa qabeessa ta’een akka ba’atuuf Trasti Fandiin komishinicha, Dhaabbata Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoommaniifi Ministeera Maallaqaan hundaa’e deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa aadde Samaariitaa Sawaasawu gamasaaniin,milkaa’ina ergama komishinichaaf deeggarsi maallaqaa dhaabbilee deeggartoota misoomaa idil addunyaarraa argamu Tirast Fandiin hundaa’ee  Dhaabbata Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin akka hogganamu taasifamuun komishinichi giddu seentummaa tokko malee ergamasaa akka ba’atu isa dandeessisa jedhan.

Hogganaa Dhaabbata Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Achiim Isteeyinar, komishinicha maallaqaan deeggaruuf waadaa galame keessaa baatiiwwan shanan darbanitti Doolaarri miiliyoonni 1.3 baasii ta’uun hojiileen garaagaraa hojjetamuu yaadachiisaniiru.

Komishinichi ergamasaa akka ba’atuuf Tirasti Fandichi gahee isaa kan ba’atu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.