Fana: At a Speed of Life!

Waraana gareen shororkeessaa ABUT nurratti bane qolachuun ummata keenya ni boonsina – L/J Dassitaa Abbichee

Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Waraana gareen shororkeessaa ABUT nurratti bane qolachuun ummata keenya ni boonsina jedhan Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Mahaandisii Raayyaa Ittisaa Leetanaan Jeneraal Dassitaa Abbicheen.
 
Leetanaan Jeneraal Dassitaa Abbicheen sirna eebba Kaampii Lafoo Kumalaa Awaash Bartaarratti argamuun yaada laataniin ‘Waraana gareen shororkeessaa ABUT nurratti bane qolachuun ummata keenya ni boonsina’ jedhan.
 
Kaampiin Lafoo Kumalaa Awaash Bartaa Raayyaan Ittisaa ijaarsiise manneen jireenyaa, kutaa IT,Kilinikaa, Iddoo bishaan daakaa fi tajaajiloota biroo kan guuttate ta’uu ibsameera.
 
Raayyaan Ittisa wayita birmadummaa biyyaa kabachiisaa jirutti hojiilee biroos ga’umsaan raawwachaa jiraachuu Leetanaan Jeneraal Dassitaa Abbicheen ibsaniiru.
 
Kaampichi tajaajila miseensota Raayyaa Ittisaaf laatu cinaatti hawaasa naannoof tajaajila dhiyeessii Bishaanii, ibsaa fi Yaalaa kan laatu ta’uu Qajeelcha Olaanaa Mahaandisii Raayyaa Ittisaatti Itti Gaafatamaan Dizzaayinii fi Tilmaama gatii Kolooneel Yaadataa Amanteen ibsaniiru.
 
Ijaarsi Kaampii Lafoo Kumalaa Awaash Bartaa baasii Birrii miiliyoona 84 kan ijaarrame ta’uu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
 
FinfinneeFeesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.