Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Sudaan marii gaggeeffamaa jiru addaan kute

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Waraanni Sudaan humnoota falman waliin marii dhukaasa dhaabiinsaa Jiddaatti gaggeessaa ture addaan kutuun gabaafame.

Waraanichi, marii dhukaasaa dhaabiinsaa fi waliingahiinsaa deeggarsa namoomaa saffisiisuuf baatii Caamsaa gara jalqabaa Saa’ud Arabiyaa Jiddatti gaggeeffamaa turee addaan kutuun, walitti bu’iinsaa furmaataa argachuuf qaanqee abdii mulise, bifa haaraan babal’isuu danda’aan yaaddoo uumeera.

Walitti bu’iinsichaan lammiileen Sudaan kuma 100’tti tilmaamaan qe’eesaaniirraa buqqa’uu maddeen dippiloomaasii Sudaan wabeeffachuun Aljaziiraan gabaaseera.

Waraanichi marii ammaa haa buluun addaan kutuun dura waliigaltee dhukaasaa dhaabiinsaa xixiqqaa lamarra ga’ame cabsuun kan yaadatamuudha.

Dubbii Himaan waraanaa Birgaader Naabiil Abdallaa ‘Assooshi’eetid Pireesiif’ akka ibsanitti, yeroo ammaa murtoorraa kan ga’an humnoonni walwaraantotaa, irraa deddeebiin waliigaltee dhukaasa dhabiinsaa fi deeggarsa namoomaa cabsuu akkasumas Kaartuumitti hospitaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa tajaajila hawaasaa argaman qabamuu isaaniif deebii kenname ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.