Fana: At a Speed of Life!

Warshaa qorichaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 10n hojjetamuuf dhagaan bu’uuraa ka’ame

Finfinnee, Amajjii 28, 2912 (FBC) – Paarkii Indaastirii Qilinxoo keessatti warshaa qorichaa fi meeshaalee fayyaa oomishu hojjechuuf dhagaan bu’uuraa ka’ameera.

Dhagaan bu’uuraa kaa’ame Maanufaakchariingiin Afriitiyuur Faarmaaseetiyuukaal hojii invastimantii paarkii indaastirichaatti akka eegalu isa dandeessisa jedhameera.

Warshichi Doolaara Ameerikaa miiliyoona 10 kan ijaarramu yoo ta’u, baatiiwwan 18 keessatti ni xumurama jedhameet eegama.

Guutummaan hojiitti yoo galu dandeettii waggaatti qorichoota afaaniin fudhataman biiliyoona 1olii fi qorichoota shirooppii qaruuraa miiliyoona 18 oomishee dhiyyeessuu ni qabaata jedhameera.

Warshichi namoota 100 ol ta’aniif caarraa hojii kan uumu yoo ta’u, qindoomina abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaatin kan ijaarramudha.

Qorichootarra darbee meesholee yaala fayyaaf barbaachisan hedduu ni oomisha jechuun Tsaggaayee Niguus gabaasera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.