Fana: At a Speed of Life!

Warshaaleen baatiwwan 3 dhufanitti gogaa fi kal’ee bakkeewwan qalmi raawwaturraa kallattiin akka bitan eeyyamame

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Warshaaleen oomishaa baatiwwan 3 dhufanitti gogaa fi kal’ee bakkeewwan qalmi raawwaturraa kallattiin akka bitan eeyyamamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen warshaaleen oomishaa bittaa gogaa fi kal’eerratti bobba’an akkaataa labsii lakkoofsa 814/2006 damicha bulchuuf ba’een bittaa raawwachuu fi cancala bittaarraa hanga warshaa jirutti oomishaaleen miidhamuu fi sadarkaan gadi ta’uu isaa komiin dhiyaachuu eereera.

Ityoophiyaan faayidaa gogaa fi kal’eerraa argachuu qabdu argachuu dhabuurra darbee oomishaalee haalaan walitti qabuun qulqullina eegamuun warshaaleef dhiyeessuu dhabuun rakkoo ta’uu kaafameera.

Hawaasni wayita ayyaanaa qalmaa gaggeessu nama gogaa irraa bitu dhabuun qabeenya biyyaaf sharafa alaa argamsiisuu danda’u bakkaa bakkatti gatuuf dirqamuu eerameera.

Rakkoo kana hambisuuf guyyaa har’aa irraa eegalee baatiwwan itti aanan 3’f warshaaleen gogaa oomishaalee gogaa fi kal’ee bakkeewwan qalmi raawwaturraa kallattiin bituu akka danda’an murtaa’uu ministeerichi beeksiseera.

Malaakuu Gadifitu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.