Fana: At a Speed of Life!

Warshaan guyyatti seeramikii karee meetira kuma 18 oomishu hojii eegaluufi

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (Fbc)- Warshaan guyyatti seeramikii karee meetira kuma 18 oomishu dhiyeenyaatti hojii akka eegalu Ministeerri Magaalaa Fi Bu’uuraalee Misoomaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Injiinar Wandimmuu Seetaa, seeramikii galtee tarsiimawaa ijaarsaa ta’e biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan Magaalaa Bishooftuutti baasii Birrii biiliyoona 2’tiin ijaaramaa kan jiru warshaan seeramiikii biyya keessaa ‘Kaam’ kan eeramu ta’uu himaniiru.

Warshichi, waggoota 25 oliif seeraamikii fi bu’aalee seeraamikii biyyaa alaarraa galchuun gabaaf dhiyeessaa turuu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa qabeeyaa kuufamaa biyyaa keessa jiruun oomishatti seenuuf warshichi akka ijaarame ibsanii, ijaarsi warshichaa wayita xumuramutti guyyatti seeraamikii karee meetira kuma 18 oomishuu akka danda’u eeran.

Yeroo ammaa bu’uuraalee misoomaa fi meeshaalee dheedhii galtee indaastirichaaf oolaan guuttachuun dhiyeenyatti gara hojiitti akka galu eeraniiru.

Mootummaan yeroo ammaa invastimantiiwwan damichaa akka babal’ataniif tattaffii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Warshaaleen galteewwan ijaarsaa oomishan yoo babal’atan hirkattummaa oomishaalee alaa galanii jalaa ba’uun gufuuleen damichaa hafaa akka deemu hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa galteewwan ijaarsaa %40 ol biyya keessaan kan uwwifamuu yoo ta’u, waggootaan 7’n dhufan keessattis %80 biyya keessaan uwwisuuf karoorfamuu akeekaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.