Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Simmiintoo fi sibiilaa dirree dhawaatti ijaaramu hanqinaa meeshaalee ijaarsaa fura-Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC)- Dirree Dhawaatti kan ijaaramu warshaan simmintoo, nooraa fi sibiilaa hanqina meeshalee ijaarsaa akka furuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin dubbatan.

‘National West International Holding’ warshaan Dirree Dhawaatti ijaarsisu baasii Doolaaraa miiliyoona 540’n kan ijaaramu yoo ta’u, guyyaa har’aas waliigaltee ijaarsaa marsaa jalqabaa Doolaara miiliyoona 243 mallatteesseera.

Sirna waliigaltechaarratti Aadde Caaltuu Saaniin akka jedhanitti, dhaabbatichi sirna bulchiinsa pirojektootaa olaanaa kan qabuudha.

Ministeerichi aangoo indaastiriiwwan oomisha galteewwan ijaarsaa jajjabeessuu fi deeggaruu akka qabu ibsanii oomishni baay’inaan akka oomishamuu fi akka ammayyaa’u taasisuun itti gaafatama isaanii akka bahatan dubbataniiru.

Warshichis yeroo ammaa qormaata biyyattii kan ta’e hanqina dhiyeessii meeshalee ijaarsaa akka furu himaniiru.

Warshichi wayita xumuramuttis waggaatti simmiintoo toonii miiliyoona 3 fi sibiilaa toonii kuma 700 omishuuf ga’umsa akka qabu eeraniiru.

Beeteliheem Mokuwaanintitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.