Fana: At a Speed of Life!

Wayita ayyaanaa hawaasni weerara Covid- 19f of eeggannoo taasiisuu qaba – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Eebila 22, 2013 (FBC) – Wayita ayyaanaa hawaasni iddoolee dhaabbilee amantii, Gabaa fi tajaajila geejjibbaatti weerara Covid- 19f of eeggannoo taasiisuu akka qabu Ministeerri Fayyaa hubachiise.
Wayita ammaa facaatiin weerara vaayrasii koroonaa haalaan babal’achuu isaan rakkoo fayyaarra darbee qaala’iinsa hawaasummaa fi diinagdee ta’aa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaan ibsaniiru.
Weerarichi erga Ityoophiyaatti muul’atee hanga ammaatti namoota kuma dhibba 2 fi kuma 55 ol vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 3 fi 658 darbuu himaniiru.
Namoonni 945 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti kan argaman ta’uu eeraniiru.
Wayita kabaja ayyaanaa hawaasni iddoolee dhaabbilee amantii, Gabaa fi tajaajila geejjibbaatti weerara Covid- 19f of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qaban hubachiissaniiru.
Lammiileen ulaagaa talaallii guutan talaallii akka fudhatan Dooktar Liyaan waamicha dhiyeessaniiru.
Dooktar Liyaan ogeeyyii yaala fayyaa wareegama kaffallaa jiran galateeffachuun, hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa maraaf ergaa baga geessanii dabarsuu isaanii ragaan  ministeerichaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.