Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa to’achuuf dameen miidiyaa gumaacha olaanaa taasiiseera – Dooktar Liyaa

Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa to’achuuf tattaaffii godhamu keessatti dameen miidiyaa gumaacha olaanaa taasiisuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Erga weerarrri vaayrasichaa muudatee eegalee miidiyaaleen dhimmichaaf xiyyeeffannoo oolaanaa laachuun odeeffannoowwan kennuun hammi miidhaa ga’uuf ture akka hir’atuu qooda isaanii ba’uu himaniiru.

Hirmaannaa fi tattaaffii dhaabbileen miidiyaa taasiisaniif galateeffataniiru.

Dhibeewwan daddarboo fi daddarboo hin taanee biroos ittisuuf tattaaffii taasiifamu keessatti miidiyaaleen gumacacha taasiisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Bara darbe damee fayyaa rakkoon cimaan muudatus tattaaffii waloon taasiifameen bu’aa jajjabeessan argamuu Hoggantuun Biiroo Eeggumsa Fayyaa Naannoo Sidaamaa Dooktar Salamaawiit Mangashaa ibsaniiru.

Bu’aa argameef qoodni  ogeeyyii miidiyaa fi dhaabbilee miidiyaa olaanaa ture jedhan Dooktar Salamaawiit.

Miidiyaaleen odeeffannoo weerara vaayrasii koroonaan walqabatu hawaasan ga’uun bu’aan jajjabeessan akka galmaa’u qooda olaanaa taphachuu Daayreektarri Daayreektoreetii Kominikeeshiin Ministeera Fayyaa Dooktar Taganee Raggaasaa ibsaniiru.

Dagannaan hawaasa biratti yeroo ammaa muul’atu  furamuu akka qabu kaasaniiru.

Bara hojii itti aanuutti damichaan bu’aa caalu galmeessuuf Biiroolee Eeggumsa Fayyaa naannolee fi qooda fudhattootaaf beekkamtiin laatameera jedhame.

Raawwiin hojii bara 2013 gamaaggamaamuu fi karoora bara hojii 2014 irratti mariin gaggeeffamuu Ejansiin Raadiyoo fi Teeleeviizyiin naannoo Kibbaa gabaaseera.

FinfinneeFeesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.